Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa aanga’oota Ameerikaa waliin dhimmoota addaddaarratti mari’atan

75

Amajjii 24/2015 (TOI) – Ameerikaatti ambaasaaddarri Silashii Baqqalaa hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa dabalatee dhimmoota addaddaarratti aanga’oota Ameerikaa waliin mari’achuunsaanii ibsame.

Ambaasaaddar Silashii ministeera dhimmi alaa Ameerikaatti gargaaraa ministiraa dhimmoota Afriikaa Moolii Fii waliin hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa akkasumas misooma hawaasummaa fi dinagdee dabalatee dhimmoota biroorratti xiyyeeffachuun marii taasisuusaanii ergaa fuula tiwiitariisaaniirratti barreessaniin ibsaniiru.

Gama biraatiin gaanfa Afriikaatti ergamaa addaa Ameerikaa ambaasaaddar Maayik Hamar waliinis haasawuusaanii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015