Wallagga Lixaatti lafa heektaara kuma 4 ol irratti hojiin misooma sululaa adeemsifameera

567

Amajjii 23/2015(TOI) – Godina Wallaggaa Lixaatti hojii misooma sululaa baranaa amma ammaatti hojjetameen lafa heektaara kuma 4 olirratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bona baranaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti torbee darbe jalqabamuunsaa niyaadatama.

Godinichatti bara kana lafa heektaara kuma 42 irratti hijii misooma sululaa hojjechuuf karoorfamee amma ammaatti lafa heektaara kuma 4 olirratti hojjetameera.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Fayyisaa Hambisaa TOIf akka ibsanitti, hojiin amma ammaatti hojjetame karoora keessaa dhibbantaa 10 ta’uun himameera.

Hojii eegumsa minooma qabeenya uumamaa Kanaan hojiiwwan amma ammaatti hojjetaman faayidaa waan argamsiisaniif ummanni hirmaannaa guddaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Godinichatti aanaalee gara garaatti sululoonni 483 kan adda bahan yoo ta’u, kanaanis hojiiwwan misooma sululaa kiiloomeetira kuma 42 ol hojjetamaa jiru.

Hojiileen sululaa baatiilee bonaa godinichatti dursee jalqabamuusaa kan ibsan itti gaafatamtichi, amma ammaatti hojii sululaa kiiloomeetira kuma 4 fi 332 dabalatee eegumsi qabeenya uumamaa akka hojjetaman dubbataniiru.

Godinichatti waggoota darban iddoowwan misoomaa ala ta’an lafa heektaara kuma 108 fi 471 irratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu yaadataniiru.

Qonnaan bultoonni hojii kanarratti hirmaachaa jiran hojii eegumsa naannoo waggoota darban hojjetamaniin xaa’ummaa lafaa eeguun gogiinsii fi gammoojjummaan hir’achaa akka dhufe ibsaniiru.

Muuxannoo waggoota darban argaman cimsuun oomishtummaa qonnaa guddisuuf baranas hojii misooma sululaarratti hirmaachaa akka jiran qonnaan bultoonni  beeksisaniiru.

Hojii misooma sululaa waggoota darban hojjetameen laggeen gogan bishaan qabachuusaanii kan dubbatan qonnaan bulaan Zawudee Daannoo, naannoon isaanii magariisa uffachaa akka jiru himaniiru.

Hojii misooma sululaa bara kana hojjetamaa jiruun maatiisaanii hirmaachisuun bal’inaan hojjechuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Qonnaan bulaan Baalchaa Damisee gamasaaniin hojiiwwan sululaa baatii bonaa waggoota darban hojjetameen lafti qonnaa misoomaa ala ture akkasumas naannoon isaanii lalisaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015