Ministeerri Industiriifi Fooramiin Bizinesii Gamtaa Awurooppaa waliigaltee waliin hojjechuuf isaan dandeessisu mallatteessan - ENA Afaan Oromoo
Ministeerri Industiriifi Fooramiin Bizinesii Gamtaa Awurooppaa waliigaltee waliin hojjechuuf isaan dandeessisu mallatteessan
Amajji, 23/2015(TOI) - Ministeerri Industiriifi Fooramiin Bizinesii Gamtaa Awurooppaa waliigaltee waliin hojjechuuf isaan dandeessisu mallatteessaniiru.
Waliigaltichi Ministeerri Industirii fi Dereeyyoonni biyyoota Miseensota gamtaa Awurooppaa waliin hojjechuu akka danda'an kan isaan dandeesisuudha jedhameera.
Waliigalticharratti kan hirmaatan deetaan Ministirri Indaastirii obbo Hasan Mohaammad, mootummaan Itoophiyaa diinagdee Itoophiyaa fooyyeesuun tarree biyyoota galii jiddugaleessa qabanitti dabaluuf karoora haaromsa dinagdee bu'iirri isaa biyya keessa ta'ee kan waggaa 10 qopheessee hojjechaa jira jedhan.
Haaluma kanaan damee indaastiriifi manfaakchariif dursi kennamaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.Itoophiyaan imaammataa fi tarsiimoo adda addaa yeroo qopheessaa turtetti Fooramiin Bizinesii Gamtaa Awurooppaa sochii daldalaa deeggaruun deeggarsa guddaa taasisaa akka tures himaniiru.
Itoophiyaan Afrikaa keessa bakka daldalaaf filatamtuufi akka taatuf Gamticha waliin tumsaan ni hojjenna jedhan.
Sosochiin biyyoolessaa Itoophiyaa ''haa oomishituu'' rakkoo sharafa alaa, walitti hidhamiinsa gabaa, bu’uuraalee misoomaa fi dhiyeessii lafaa haala qindoominaa fi hunda galeessa ta’een furuun guddina diinagdee damichaa keessatti gumaachuuf kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Ministeerichi Foramii Bizinesii Gamtaa Awurooppaa waliin qindoominaan akka hojjetus beeksisaniiru.
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roolaand Koobiyaa, diinagdee Itoophiyaa deggeruu fi indaastirii omishaa fooyyessuuf oomishaaleen hedduun qaraxa irraa bilisa ta’an gara gabaa biyyoota miseensa gamtaa Awurooppaa ta’an hundaatti erguun, sharafa maallaqa alaa baay’ee kanarraa argachuu akka dandeessu eeraniiru.
Waltajjicharratti Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii, Komishiniin Invastimantii fi qoodafudhatoonni mootummaa dhimmi ilaallatu biroon argamaniiru.
Odeeffannoon ministeericharraa argame akka agarsiisutti sanadni carraa gaarii, rakkoolee fi furmaata imaammataa damee industirii Itoophiyaa of keessaa qabu dhiyaatee irratti mariin taasifameera.