"Shaakalli Qindaa'aa loltummaa har'a Awaash Aarbaatti ilaalle Itiyoophiyaan humna waraana hambisu ijaaruu mul'isa" - ENA Afaan Oromoo
"Shaakalli Qindaa'aa loltummaa har'a Awaash Aarbaatti ilaalle Itiyoophiyaan humna waraana hambisu ijaaruu mul'isa"
105
Amajjii 20/2015 (TOI) - Shaakalli Qindaa'aa loltummaa har'a Awaash Aarbaatti ilaalle Itoophiyaan humna waraana hambisu ijaaruu ishee mul'isa jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.
Shaakala loltummaa kanaan humni qilleensaa, meeshaalee waraanaa ciccimoon, humni addaafi waraanni lafoo waliin qindaauun yeroo gabaabaa keessatti lola hambsuu haala danda’an agarreerra jedhan.
Guyyaa guyyaan humnoonni ija keenya abjuufi imaala keenyarraa akka buqqifannu barbaadan waan jiraniif, hojiin qondaaltota waraanaa inni guddaan humna waraana hambisu ijaaruu akka ta’e dhaamsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin doktar Abiy Ahmad himaniiru.