Waltajjiin marii Obbolummaa sab-daneessummaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate jiraattota Magaalaa Adaamaa waliin taa'amaa jira

93

Waltajjiin marii Obbolummaa sab-daneessummaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate jiraattota Magaalaa Adaamaa waliin taa'amaa jira.

Amajjii 20/2015(TOI) - Waltajjii marii kana irratti argamuun Ummata mariisisaa kan jiran Af-yaa'ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aagenyewu Tashaager, Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayeefi itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa Dr. Biqilaa Hurrisaati.

Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aagenyewu Tashaager waltajjichi haala wayitaawaa biyyaa fi jijjiirama biyyattii keessatti dhuferratti kan fuulleffatudha jedhan.

Jijjiiramaan dura rakkoolee biyyattii keessa turanii fi qormaatilee jijjiiramaan booda mudatan, akkasumas hojilee jijjiiramaan asitti biyyattii keessatti hojjetamaa jiran Obbo Aagenyewu Tashaager ibsaniiru.

Finxaalessummaan rakkoo hamaa ta'uu kan eeran Obbo Aagenyewu, rakkoo gaala’iinsa gabaa fi bulchiinsi gaarii qormaatilee ta’uu himan.

Rakkoolee kanneen qolachuuf mootummaan hojjechaa jira; Obbolummaa sabootaa fi sablammootaa cimsuufis hojjetamaa jira jedhan.

Hanna qindaa'aa qolachuufis mootummaan hojii eegale Ummata hirmaachiisuun itti fufa jedhan.

Tokkummaa keessoo keenya cimsuu fi hariiroo dippilomaasii keenya caalatti jabeessuufis hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ilaalchaa fi gocha Finxaalessummaa mul'atu irratti hunduu qabsaa'uu akka qabus dhaamaniiru.

Waltajjiin kun Obbolummaa sabdaneessummaa cimsuun badhaadhina mirkaneessuuf shoora akka qabu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015