Firii Qormaata Kutaa 12’ffaa baranaatiin saayinsii uumamaa irraa qabxiin dhibba jahaa fi 66 olaanaa ta’uun galmaa’e.

1603

Amajjii 19/2015(TOI) –Ministeerri Barnootaafi tajaajilli barnoota madaallii fi Qormaatilee waliin ta’uun bu’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12’ffaa baranaa ilaalchisuun Miidiyaaf ibsa kennaniiru.

Ibsa kanaanis sadarkaa biyyaalessaatti saayinsii uumamaarraa 700 keessaa 666 qabxii olaanaa baranaa ta’uun kan galmaa’e yoo ta’u, Saayinsii Hawaasaarraa ammoo qabxiin 524 olaanaa galmaa’uu eerameera.

Saayinsii uumamaa irraa qabxii 600 fi isaa ol kan fidan barattoota kuma 2fi 63 ta’uu ibsa kanaan himameera.

Saayinsii Hawaasaarraa ammoo qabxii 500 fi isaa ol kan fidan barattoota 10 ta’uun eerameera.

Bara barnootaa 2014’tti barattoota qormaata kutaa 12’ffaa fudhatan keessaa %50 ol kan fidan barattoota kuma 29fi 909 ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015