Finfinneetti Fooramiin Invastimantii “Invasti Orijins 2023” gaggeeffamaa jira

85

Amajjii 18/2015(TOI)- Magaalaa Finfinneetti Fooramiin Invastimantii “Invasti Orijins 2023” gahumsa invastimantii Itoophiyaa beeksisuun invastimantii harkisuurratti kaayyeffate gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti Invastaroonni, ogeeyyiin diinagdeefi dhaabbileen idil addunyaa hirmaachaa jiru.

Fooramichi gahumsaafi haala mijataa biyyattiin invastimantiif qabdu kan beeksisu ta’uu eerameera.

Fooramicharratti haasawaa baniinsaa kan taasisan Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, Abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen alaa invastimantiin damee fayyaarratti akka bobba’an gaafataniiru.

Mootummaan damee fayyaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraatus daran bu’aa qabeessa taasisuuf hirmaannaan damee dhuunfaa barbaachisaa ta’uu Dooktar Liyaan kaasaniiru.

Abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’an jajjabeessuuf fooyya’iinsi imaammataafi hojiilee biroon hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa birootti dhiyeessii talaallii, meeshaalee yaala fayyaafi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fayyaan carraa bal’aan jiraachuu eeraniiru jechuun FBC gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015