Magaalaa Jigjigaatti manneen harka qalleeyyiif ijaaraman fayyadamtootaaf dabarfamanii kennamaan

162

Amajji, 17/2015(TOI) - Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti manneen harka qalleeyyiif ijaaraman guyyaa har'aa fayyadamtootaaf dabarfamanii kennaman.

Manneen 31 harka qaleeyyiif ijaaraman kunneen bakka Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoofi Pirezidaantiin naannichaa obbo Musxafee Muhaammad argamanitti fayyadamtootaaf furtuun dabarfamee kennameera.

Manneen kunneen manneen maree bakka bu’oota uummataa, qindoomina dhaabbilee itti waamani isaanii mana maree bakka bu'oota uummataaf ta'aniinfi mootummaa naannichaan kan ijaaraman ta'uu sirna walharkaa fuudhinsa kanarratti ibsameera.

Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummataa obbo Taaggasa Caafoo sirna kanarratti "Manguddoonnii fi namoonni harka qalleeyyii ta'an mana mijataa argachuu danda'uun isaanii yoo waliin hojjenne rakkoon nuti irra aanuu hin dandeenye akka hin jirre agarsiisa" jedhan.

Pirezidaantiin naannii obboo Musxafee Muhaammad gama isaaniin jijjiramaan as hojiin ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad jalqabsiisan hedduun imaala badhaadhina biyyatti safisiisaa kan jiran ta'uu himaniiru.

Magaalaa Jigjigaatti manguddoofi harka qaleeyyiif hojiin tola ooltummaan mana ijaaruu argarsiistuwwan imaala badhaadhinaa kanadha jedhaniiru.

Maqaa mootummaa fi ummata naannichaatiinis qaamota hojii tola ooltummaan ijaarsa manneen kanaaf gumaacha taasisaan galateeffataniiru.

Mootummaan naannichaa haaluma walfakaatuun namoota harka qalleeyyiif mana jireenyaa shantama ijaaruuf karoorfachuu isaa himaniiru.

Ijaarsa manneen har'a itti fayyadamtootaf dabarfamee kanaaf mana maree bakka bu'oota ummataa irraa birrii miiliyoona kudha jaha, dhaabbilee itti wamamtootaa mana marichaa irraa birrii miiliyoona afur, mootummaa naannoo irraa birrii miiliyoona kudhan eerameera.

Fayyadamtoonni manneen kana argatanis carraa kana argachuu isaanitti gammaduu himaniiru.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa, Dhaabbanni Abbagar Itoophiyaa, Odiitara Olaanaa Federaalaa, Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa fi Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa hojii tola ooltummaa kana keessaatti dhaabbilee qooda fudhatanidha..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015