Dhaabbanni Tajaajila Geejjibaa Galaanaafi Loojistikii Itoophiyaa ji'oota jahaan daraban galii Birrii biiliyoona 19.5 argateera

185

Amajji, 17/2015(TOI) - Dhaabbanni Tajaajila Geejjibaa Galaanaafi Loojistikii Itoophiyaa ji'oota jahaan darban galii Birrii biiliyoona 19.5 argachuu beeksise.


Dhaabbatichi raawwii hojii ji'oota jahan darbanii ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera.


Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbatichaa obbo Roobaa Magarsaa ibsa kennaniin ji'oota jahan darban dhaabbatichi tajaajila oppireeshinii toonii miiliyoona 2.4 kennuu beeksisaniiru.


Dabalataanis tajaajila geetibaa fe'umsa bittinaa'aa toonii kuma 312fi kan konteenara kuma 4 fi 500 kennuu imaalchisuu himaniiru.


Fe’umsa konteenara geejjibame keessaa kumni 3 fi 79 biyya keessatti kan saamsame ta'uu eeraniiru.


Dhaabbatichi ji'oota jahan darbanitti galii Birrii biiliyoona 19.5 argachuu isaa ibsaniiru.


Dhaabbanni kun ji’oota jahan kana keessatti maallaqa isaan konkolaattota gurguddoo 185 akka bite ibsaniiru. Konkolaatoonni kunneenis Jibuutiitti qindeeffamaa jiraachuu himaniiru.


Dhaabbatichi dooniiwwan haaraa dabalataa bitachuuf adeemsa eegaluu himanii, hanqinni jijjirraa maallaqa alaafi sochiin daldalaa qabanaa'uun rakkoo akka itti uume himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015