Ji’oota jahan darbanitti lammilee miliyoona 1.4 carraan hojii umameera.

198

Amajji, 17/2015(TOI) - Itoophiyaatti ji’oota jahan darban lammilee miiliyoona 1.4'f carraan hojii uumamuu Ministeerri Hojjetaa fi Ogummaa beeksise.

Ministeerichi raawwii karoora hojii walakkaa waggaa kan bara 2015 irratti naannoleefi dhaabbilee itti wamamoo isaa ta'an waliin mariyachaa jira.

Deetaan Ministira Hojii fi Ogummaa obbo Nugusuu Xilahuun akka himanitti ministeerichi jalqaba bara baajataa irratti karoora qindaa'aa qopheessuun hojii eegaluusaa hubachiisaniiru.

Keessaayyuu Lammiilee hedduudhaaf carraa hojii dhaabbataafi yeroo uumuuf karoorri bal’aan qophaa’ee hojiitti galamuu himaniirtu.

Haaluma kanaan bara kana walakkaa waggaatti namoota miliyoona 1.8'f carraa hojii uumuuf karoorfamee namootaa miliyoona 1.4 carraan hojii umameera jedhaniiru.

Carraan hojii umamee kun dhibbeentaan 70 kan uumame intarpiraayizoota hundeessuun yoo ta’u, kan hafe ammoo dhaabbilee keessatti qacaramuun kan uumame ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015