Jilli Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa obbo Taggasee Caafoon durfamu manneen harka qalleeyyiif ijaaraman dabarsee kennuuf Jijjigaa gale.

96

Amajji, 17/2015(TOI) - Jilli Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa obbo Taggasee Caafoon durfamu manneen harka qalleeyyiif ijaaraman dabarsee kennuuf Jijjigaa gale.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Muhaammad fi hoggantoonni olaanoo naannichaa buufata Xiyyaaraa Geeraad Wiilwaalitti af-yaa’ii fi hoggantoota biroo magaalaa Jijjigalaniif simannaa taasisaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa qindoomina dhaabbilee itti wamama isaa ta'an waliin ta'uun magaalaa Jijjigaatti manneen harka qalleeyyii haaromseefi suphee 31 fayyadamtootaaf akka dabarsee har'a kennu Af-yaa'ichi himaniiru.

Mootummaa naannoo Somaalee waliin qindoomuun tajaajjii tola ooltummaan hawaasa hundaa akka qaqqabuuf magaalaa jijjigatti manguddootaafi harka qalleeyyiin mana jireenya mijataa akka argatan hojjetamaa jira jeddhaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa kana irratti kanneen hirmaataan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi dhaabbilee itti wamamaa isaa ta'an Ejensiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa, Abbagaar Itoophiyaa, Odiitarri Waliigalaa Federaalaa, Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaafi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015