Kantiibonni magaalaa Finfinnee, Bahaar Daar, Daseefi Adaamaa Kantiiboota biyyoota Afrikaa adda addaa waliin muuxannoo wal jijjiirraan

178

Amajji, 17/2015 (TOI) - Kantiibonni magaalaa Finfinnee, Bahaar Daar, Daseefi Adaamaa Kantiiboota biyyoota Afrikaa adda addaa waliin muuxannoo wal jijjiirraan jedhame.

Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee kantiiboonni magaalaa Adaamaa, Bahaar Daarfi Dasee Afrikaa Kibbaatt geggeeffamaa kan ture foramii ''African Mayoral Leadership Initiative (AMALI) City Leadership Forum'' irratti hirmaachuun cinaatti kantiiboota biyyoota Afrikaa gara garaa irraa dhufan waliin muuxannoo wal jijiiraniiru.

Magaalonniifi kantiibonni Afrikaa Ashaaraa dhaloota har’aa qofa osoo hin taane kan dhalootaa dhalootatti darban kaa’aa deemuu, karoorawwan gurguddoo karoorsuu akka qabaniifi magaalota jiraattotaafi mijatoo taasisuun jijjiirama galmeessisaa uummata isaanii tajaajiluu akka qaban kaasaniiru.

Pireezidaantiin Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Akiinuumii Adeenisyaan haasawaa fooramicharratti taasisaniin, Baankiin Misooma Afrikaa magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuuf magaalotaaf liqii yookaan ammoo tumsa maallaqaa kan eegalu ta’uu ibsuu ragaan waajjira kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muli’sa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015