Hawaasni horsiisee bulaa saaxilamummaa hongeefi balaa uumamaarraa akka dandamatu kan gargaaruu pirojektiin doolaara Ameerikaa miiliyoona 124 ifoome

112

Amajji, 16/2015(TOI) Hawaasni horsiisee bultootaa saaxilamummaa hongee fi balaa uumamaa dandamachuufi dhiibbaa uumamuu malu hir’isuuf kan gargaaru pirojektiin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 124 ifoome.

Pirojektiin hawaasa horsiisee bulaa hongee fi balaa uumamaa biroof saaxilamoo ta’an bu'uureffate kun guyyaa haraa Adaamaatti sagantaa hojii jalqabsiisuu geggeeffameera.

Deetaan Ministira qonnaa Ministirri Doktar Fikruu Regaasaa addatti TOItti akka himanitti pirojektichi hawaasa horsiise bulaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, balaa hongee dabalatee balaa naannoowwaa horsiise bulaatti mudatu kan biroo hir’isuu fi furuu kan danda'udha jedhan.

Keessattuu Pirojektiin kun diinagdee horsiise bulaa deeggaruun saaxilamuummaa hongeefi balaa umamaa biroo akka damdamataniif maallaqaan humneessuuf kan akeekedha jedhaniiru.

Waggoota darban hongeen Itoophiyaa dabalatee Afrikaa bahaatti mudate qabeenya hawaasa horsiise bulaa kan ta'e beelladarraan miidhaa guddaa akka geessise eeraniiru.

Doktar Fiqiruun akka himanitti pirojektiin kun pirojektii daangaa qaxxaamuraa ta'ee kan Itoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaafi Jibuutiitti hojiirra ooluudha.

Itoophiyaattis Naannoo Oromiyaa, Somaalee, Affaar, Kibbaa fi Kibba Lixaatti hojiirra akka oolu beeksisaniiru.

Pirojektiin har’a ifoome kana hojiirra oolchuuf Baankii Addunyaa irraa baajatni Doolaara Ameerikaa miiliyoona 124 argamuu eeruun waggoota shanan dhufaniif naannoo horsiisee bulaatti akka hojiirra oolu ibsaniiru.

Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin ta’uun naannoo horsiisee bulaa irratti kan raawwattu ta’uus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015