Oomishaa Fi Oomishtummaa Biyya Keenyaa Dabaluuf Tooftaa Qonnaa Hammayyeessuuf Hojjachaa Jirra

74

Finfinnee Caamsaa 6/2011 Oomishaa fi oomishtummaa biyya keenyaa dabaluuf tooftaa qonnaa hammayyeessuuf hojjachaa jirra jedhan hooggannaa biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee.  

Obbo Dhaabaan kana kan jedhan ibsa guyyaa kaleessaa gaazexeessitootaaf kennaan irratti dha.

Obbo Dhaabaan akka jedhanitti, malli qonnaa biyyi keenya hanga ammaatti itti fayyadamaa jirtu fooyyee qabaatullee jijjiirama barbaadamu fiduu hin dandeenye jechuun ibsaniiru.

Teeknooloojii qonnaa biyya keenyaa hammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa naannoo Oromiyaa fooyyessuuf biirichi yeroo kamuu caalaa xiyyeefannoon hojjachaa jiraachuus obbo Dhaabaan yeruma kanatti dubbatanii jiru.

Hudhaalee baroottan darban keessa mul’achaa turan bara kana keessa qorannoo gara garaa hayyootaan qonnarratti gaggeefamaa tureen adda baasuun yeroo itti aanutti xiyyeeffannoo cimaadhaan kan hojjatamu ta’uus ibasnii jiru.

Rakkoolee dandeettii wajjin wal qabatu furuuf bara kana keessa leenjii gahuumsaa sadarkaa naannoo irraa hanga gadiitti kennamaa turuu fi ammas keennamaa jiraachuu isaa obbo Dhaabaan ibsaniiru.

Gama hojjattoota misoomaatiinis sochii dhiyeenya kana taasifameen hojiiwwan hamilee isaanii jajjabeessan carraa barnootaa akka argatan taasisuu fi sadarkaa guddinaas akka argatan taasifameera jedhan.

Gama biraatiin dhiyeessii raabsaa callaa guddistuu fi raabsaa xaa’oo ilaalchisee hanqinaalee yeroo gara garaatti mul’ataa ture maqsuuf ciminaan irratti hojjatamaa jiraachuu obbo Dhaabaan dubbataniiru.
Raawwii qonna arfaasaa ilaalchisee ibsa kennaniin sababa roobni yeroo isaa eeggatee hin roobiniif hanqina kan agarsiise ta’uu ibsuun naannoowwan gogiinsi itti mul’atutti ummanni bishaan jiru kuufachuun fi jallisii jirutti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.

Sanyii filatamaa dhiyeesuu wajjiin wal qabatee sanyiin boqqoolloo hanqina qabaachuu kan ibsan obbo Dhaabaan, ummanni sanyii harka isaa jiru akka filannoo lammaffaatti qabachuun qusannaan itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015