'Save the Children' tajaajila talaallii naannoo Gaambeellaatti kennamu cimsuuf meeshaalee birrii miiliyoona 25 olitti tilmaamaman deeggarsa taasise.

114

Amajji,16/2015(TOI) Dhaabbanni gargaarsa daa'immanni idi addunyaa 'Save the Children' jedhamu tajaajila talaallii naannoo Gaambeellaatti kennamu cimsuuf mootar saayikilii fi firijii Birrii miiliyoona 25 ol baasu arjoome.

Dhaabbatichi deeggarsa kana bakka deetaan ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa argamanitti waajjira fayyaa naannichaaf dabarsee kenneera.

Itoophiyaatti wamamaan itti aanaa Dhaabbatichaa obbo Sisaay Siyyuum yeroo wal harkaa fuudhissi kun taasifamu akka jedhanittinaannichatti aanaalee 11 fi buufata dahoo baqattootaa sadii keessatti tajaajila talaallii jiru cimsuuf dhaabbatichi deeggarsa kana taasiseera.

Meeshaalee dhaabbatichi arjoome keessa mootar saayikilii 44 fi firijota humna aduutiin hojjetan 38 keessatti argamu.

Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhumaa akka jedhanitti, mootar saayikilii fi firijiin humna aduun hojjetu arjoomame kun naannichatti bakkeewwan magaalaarra fagootti tajaajilli talaallii dhaqqabamaa akka ta'u taasisuu keessatti iddoo guddaa qaba.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015