Dhukkuba Raammoo Giinii Itoophiyaa keessaa guutummaatti dhabamsiisuuf qooda fudhattoonni waliin hojjechuu qabu

203

Amajji, 16/2015(TOI) - Dhukkuba Raammoo Giinii Itoophiyaa keessaa guutummaatti dhabamsiisuuf carraaqqii taasifamu keessatti qooda fudhattoonni tumsaafi qindoominaan hojjechuu akka qaban Ministeerri Fayyaa beeksise.


Waltajjiin Gamaggama hojii Raammoo Giinii balleessuuf bara 2022tti hojjetame magaalaa Gambeellaatti ta'amaa jira.


Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa waltajjii kanarratti akka himanitti Raammoo Giinii Itoophiyaa keessaa guutummaatti dhabamsiisuuf carraaqqii taasifamu keessatti qooda fudhattoonni qindoominaa fi tumsaan hojjechuu qabu.


Dhaabbileen mootummaafi dhaabbileen biroo damee kanarratti hojjetan tattaaffii dhibee raammoo Giinii Itoophiyaa keessaa dhabamsiisuuf taasifamaa jiru keessatti tumsaafi qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.


Waggoottan darban Itoophiyaatti tatamsa'ina dhibee kanaa dhabamsiisuuf hojii hojjetameen tatamsa'ina dhibee kanaa hir'isuu akka danda'amee himaniiru.


Yeroo ammaa tatamsa’inni dhibee kanaa naannoo Gaambeellaa Aanaalee Aboboonaafi Googitti kan muli'atu ta'uus hangi tatamsa'ina isaa garuu baay'ee xiqqaadha jedhaniiru.


Kanaaf immoo agarsiistuun mallattoon dhibee kanaa bara faranjootaa darbe nama tokkoofi bineensota sadii qofa irratti mul’achuu isaati jedhaniiru.


Kanaafuu, aanaalee lamaan keessaa dhibee kana guutummaatti dhabamsiisuuf mootummaafi dhaabbileen biroo damicharratti hojjetan naannichaafi biyyattii dhibee raammoo Giinii irraa bilisa taasisuuf tumsaa fi qindoomina isaanii cimsuu itti fufuu qabu jedhaniiru.


Keessattuu dhiyeessii fi dhaqqabummaa bishaan qulqulluu mirkaneessuun yoo danda’ame dhibee kana salphaatti dhabamsiisuun kan danda’amu waan ta'eef, damee kanaaf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu doktar Darajjeen dhaamaniiru.


Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Dr. Masaay Hayiluu gama isaaniin akka himanitti waggoota 30'n darban tatamsa’inni dhibee kanaa gara dhibbantaa tokkootti gadi bu’eera.


Itti dabaluunis inistiitiyuutichi dhaabbilee deeggarstoota isaa ta'an waliin ta’uun hojii qorannoofi qorannaa cimsuun dhibee kana naannoo Gaambeellaa fi Itoophiyaa keessaa dhabamsiisuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015