Naannoo Oromiyaatti Sirna Gabaa Ammayyaa Diriirsuuf Yaaliin Taasifamaa Akka Jiru Biiroon Daldalaa Oromiyaa Beeksise

346

Naqamtee Caamsaa 5/2011 – Sirna gabaa ammayyaa diriirsuudhaan dorgommii daldalaa haqa qabeessa gochuuf qophaa’uusaa biiroon daldalaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Biiroon daldalaa naannoo Oromiyaa Naqamteetti Oromiyaa lixaa waajjiraalee daldalaa magaalaa godinoota jahaa fi magaaloota afuriif abbootii adeemsa hojiif leenjii kenneera.

Gorsaan biiroo kanaa obbo Fiixee Abarraa wayita kana akka beeksisanitti, hojmaata daldalaa naannichaa ammayyeessuudhaan hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjechaa jira.

Biiroon kun caasaa fi ijaarsa haaraa diriirsee hojiirra oolchaa akka jiru ibsaniiru.

Daldala seeraan alaa daldala seera qabeessarratti dhiinbbaa uuman ittisuudhaan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun keessatti argama.

Kenniinsa eeyyama daldalaa intarneetiitti gargaaramuu, dorgommii daldalaa haqa qabeessa taasisuu fi mirga shamattootaa kabachiisuun hojii hojjetaman keessatti argamu jedhaniiru.

Naannicha keessatti sirni gabaa Ammayyaa waan hin diriirfamneef daldalli seeraan alaa babal’achuudhaan galii mootummaa fi jireenya ummataarratti dhiibbaa geessisuunsaa obbo Fixeen beeksisaniiru.

Waajjira daldalaa godina Jimmaatti qindeessaan  adeemsa hojii obbo Sulxaan Abbaa Dilbii yaada kennaniin, hojmaata daldalaa boodatti hafaa naannicha keessatti mul’atu ammayyeessuudhaan hawaasa fayyadamaa taasisuudhaaf hojmaata si’ataa diriirsuuf akka hojjetu dubbataniiru.

Waajjira daldalaa godina Qeellam Wallaggaatti gaggeessaan garee eegsisaan mirga fayyadamtootaa fi dorgommii daldalaa obbo Malkaamuu Maammoo gamasaaniitiin sirna daldalaa keessatti mirgaa fi dirqama fayyadamtootaa kabachiisuu fi sirna to’annoo daldalaa ammayyeessuuf ittii gaafatama itti kenname ba’achuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Godina Horro Guduruu Wallaggaatti ogeessi inispeekshinii waajjira daldalaa aanaa Jaardagaa Jaartee obbo Asaffaa Gammadaa gamasaaniitiin sirna daldalaa ammayyeessuudhaan daldaltoota seeraan alaa gara sirna gabaa seera qabeessaatti galchuudhaan ga’ee koo nan ba’a jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015