Balaa ibiddaa Finfinneefi Buraayyuutti mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gaheera.

771

Amajji, 16/2015(TOI) - Komishiniin hooggansa balaa ibiddaa fi sodaa balaa Finfinnee balaa kaleessa magaalaa Finfinneefi Buraayyuutti Balaa ibiddaa mudateen qabeenyaa birrii miliyoona 2.9 ta'urraa miidhaan gahuu beeksise.

Komishinichi qabeenyaa birrii 258 baasu balaa kanarraa baraaruun akka danda'amees beeksiseera.

Daarektarri hariiroo hawaasaa komishinichaa obbo Gululaat Geetaneehe akka TOItti himanitti kaleessa galgala sa’aatii 4:48 irratti Kutaama magaala Lammii Kuraatti sababa balaa Elektirikiin gamootti ibiddi qabtee qabeenya birrii miliyoona 1.6tti tilmamamuu barbadeeseera.

Hojjettoonni balaa tasaa 40 poolisii magaalaa Finfinnee fi hawaasni naannoo waliin ta’uun qabeenya birrii miiliyoona 148tti tilmaamamu balaa ibiddaa kanarraa baraaru danda'uus himaniiru.

Balaa kanaan hojjettoota balaa tasaa sadii fi namoota biroo 7 irraa miidhaan salphaa gahuu himaniiru.

Haaluma walfakkatuun kaleessaa galgala sa'aatii 3:55 irratti Kutaama magaalaa Gullee aanaa 5 naannoo buufata Konkolaataa konkolaataa geejjiba ummataa qaxxaamura biyyaa irratti ka'een qabeenyi birrii miliyoona tokkootti tilmaamamu barbadaa'uu ibsameera.

Akka daayreektarri hariiroo hawaasaa kun jedhanitti, hojjettoonni balaa tasaa sagal Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi hawaasni naannoo waliin ta’uun balaa ibiddaa kana dhaamsaniiru.

Gama biraatiin kaleessa galgala sa'aatii 10:46tti magaalaa Buraayyuutti warshaa huccuu Chaayinaa Shufenia jedhamu keessatti balaa ibiddaa sababa elektirikiin mudateen qabeenyi Birrii kuma 300tti tilmaamamu barbadaa'uu himaniiru.

Balaa ibiddaa kana dhaamsuuf carraaqqii guddaa taasifameen qabeenyi birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu balaarra hambisuun danda'umuus himaniiru.

Obbo Gululaat lammiileen fi dhaabbileen ergaa of eeggannoo komishinichi yeroo yeroon erguun balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuuf sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru.

Hawaasni balaan akkasii yeroo mudatu sarara bilbilaa bilisaa 939 bilbili; Bilbila 0111555300 ykn 0111568601 bilbiluun beeksisuu akka danda'us hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015