Komishiniin Marii Biyyaalessaa Abbootii Amantiifi qaamolee dhimmamtootaa waliin mariyate

184

Amajji, 15/2015(TOI) - Komishiniin Marii Biyyaalessaa Abbootii Amantii, Waldaalee Siiviilii, jaarsolii biyyaafi qaamolee dhimmamtootaa biroo waliin magaalaa Finfinneetti mariyate.

Itti aantuun olaanaantuu komishinichaa Komishinar Hiiruut Gabrasillaaseen, hojiilee gurguddoo komishinichi hanga ammaatti hojjeterratti ibsa laataniiru.

Itoophiyaatti marii biyyaalessaa gaggeessuun kan barbaachiseef nageenya waaraa mirkaneessuun mootummaa biyyaalessaa cimaafi fudhatamummaa qabu ijaaruuf ta’uu eeraniiru.

Tattaaffiin Itoophiyaatti waliigaltee biyyaalessaafi nageenya waaraa fiduuf taasifamu akka milkaa’uuf hirmaannaafi deeggarsi hundaa barbaachisaa waan ta’eef komishinichi qaamolee qooda fudhattoota garaagaraa waliin walitti fufiinsaan mari’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015