Dinagdee jijjira qilleensaarraa damdamachuu danda'u ijaaruuf hojii misooma qabeenya umamaa deeggaramuun barbaachisaadha

78

Amajji, 15/2015(TOI) - Dinagdee jijjira qilleensaarraa damdamachuu danda'u ijaaruuf hojii misooma qabeenya umamaa qindaa'aa deeggaramuun barbaachisaa ta'uu ministirri Qonnaa beeksise.

Deetaan Ministira Qonnaa pirofesaar Iyyaasuu Eliyaas naannoo Kibbaatti sagantaa jalqabsiisa hojii misooma qabeenya umamaa kan bara kanaarratti argamuun haasaa taasisaniin bara kana lafa heektaara miliyoona 1.5 irratti hojiin misooma qabeenya umamaa ni hojjetama.

Hojiiwwan misoomaa hojjetamuu jalqaban itti fufinsa akka qabaataniif biyyoon ooyiruurra akka turuuf hojii misoomaa sululaa kan uummataa gochuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Naannichatti muuxannoo hojii Ashaaraa magariisaa, misooma sulalaa qindaa'aafi misooma Kuduraa kanneen biroo irratti jiru gara naannoo birootti babali'isuun kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawu gama isaaniin oomishittummaa qonnaa dabaluuf hojiin misooma sululaa qindaa'aa xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu himaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015