Qabeenya uumamaa kunuunsuun Naannoo magariisaafi jireenyaaf mijataa ta'e dhaloota egeree haa dhaalchisnu

823

Amajjii 14/2015 (TOI) - Qabeenya uumamaa kunuunsuun Naannoo magariisaafi jireenyaaf mijataa ta'e dhaloota egeree haa dhaalchisnu jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Miidhaawwan yeroo ammaa addunyaarratti yaaddoo ta’aa jiran harki caalaan sababa madaalli uumama jidduu jiru dabe irraa kan maddan yoo ta’u, kana keessaas jijjiiramni qilleensaa yaaddoo addunyaa isa duraati jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Uumamni dachee kana irratti argaman hundi waldanda’anii akka jiraataniif seera uumaafi uumamaan taliigamu.

Seerri kunis uumama jidduutti madaalli akka jiraatu abbooma.

Hariiroon uumama jidduu jiru yemmuu dabu madaallii uumamaatu daba, boca isaa gadhiisee miidhagina ganamaa dhaba. Uumama wal madaalee jiraatu irrattis miidhaatu qaqqaba.

Uumama hunda keessaa aangoon uumama kaan bulchuu, seeraan itti fayyadamuufi kunuunsuu dhala namaa qofaaf kenname. Dhalli namaa kaleessa jireenya isaa fooyyeffachuuf jecha qabeenya uumamaa irraan miidhaa qaqqabsiisaa turee jira. Kunis deebi’ee dhaluma namaa irratti miidhaa fide. Dhalli namaas qabeenya uumamaa irratti miidhaan qaqqabuun hangam madaala uumamaa jallisuun miidhaa akka fidu waan hubateef miidhaa harka isaatiin fide kana bakkatti deebisuuf carraaqqii garaa garaa taasisaa jira.

Dabalaa dhufuun lakkoofsa uummata addunyaa fedhiin midhaan nyaataa, anniisaafi mana jireenyaa akka dabalu taasisuun mancaatii bosonaa hammaataa qaqqabsiise. Kunis jijjiirama qilleensaafi dhiqama biyyee fiduun hongeefi gogiinsi akka babal’atu, ho’i addunyaa akka dabalu, oomishaafi oomishtummaan akka hir’atu taasisuun dhala namaafi lubbu qabeeyyii biroo irratti miidhaa fide. Haalli kun, beelaafi hongee qaqqabsiisuun godaansiifi walitti bu’iinsi akka uumamuuf karaa saaqe. Miidhaan jijjiirama qilleensaan dhufu rakkoo addunyaa guutuu ta’us, biyyoota akka keenyaa guddachaa jiran irratti ammoo ni hammaata.

Kunis dhimmi jijjiirama qilleensaa ajandaa biyyootaafi dhaabbilee idil-addunyaa akkasumas hayyootaafi rogeeyyii eegumsa naannoo isa guddaa akka ta’u taasisee jira.

Biyya keenyatti waggoota kurnee toorbaan dura bal’ina lafaa jiru keessaa 45% ol bosonaan uwwifamee kan ture yoo ta’u, sirni bulchiinsa qabeenya uumamaa xiyyeeffannoo gahaa dhabuu irraan kan ka’e uwwisni bosonaa kun gadi bu'eera. Haalli kun, jijjiirama qilleensaafi dhiqama biyyee qaqqabsiisuun oomishaafi oomishtummaan akka hir’atuufi miidhaan garaagaraa akka muudatuuf sababa ta’uu danda’eera.

Miidhaan qaqqabes eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaatiif xiyyeeffannoo kennuun akka barbaachisu kan akeeke yoo ta’u, muuxannoon biyyoota qabeenya uumamaaf xiyyeeffannoo kennaniifi bu’aan isaan galmeessisan dhugaa kana ragaa ba’a.

Biyyi keenyas haala kana hubachuun keessumaa waggoota arfan darban dhaabbii biqiltuufi misooma sululaan hojiiwwan bu’aa qabatamaa fidan hedduun hojjetamaniiru. Kunis, bosona manca’e bakka buusuun faalama qilleensaa hir’isuu, dhiqama biyyee ittisuufi gabbina biyyee dabaluu, burqaa gabbisuufi kan kana fakkaatan of keessatti haammata.

Keessumaa Itoophiyaan waggoottan arfan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu gosa adda addaa biiliyoona 25 ol dhaabuun miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu qolachuuf kutannoo qabdu hojii qabatamaan kan mul’ise dha. Hojii bu’aa qabeessa hooggansiifi uummanni keenya qormaata rogdaneessaa keessatti galmeesse biyya keenya sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii gonfachiisee jira.

Uummanni Oromoo uummata madaala uumamaa eeguu keessatti falaasamaa addaa qabu qofa osoo hin taane, duula ashaaraa magariisaa milkeessuufi kunuunsa naannoo keessatti gahee olaanaa taphate dha.

Uummanni Oromoo naannoo waliin hariiroo addaa qaba. Bineensaafi biqiltuuf kabaja malu kenna. Uumamaan uumaa isaa kadhata. Uumama irraan miidhaa ga’uun madaala uumaa jallisuudha jedheetu amana. Kunis, Oromoon jaarraa hedduuf qabeenya uumamaa eeguufi kunuunsuun madaala uumamaa eegee akka jiraatu isa dandeessise.

Haa ta’u malee, adeemsa keessa sababoota garaagaraan seerri kun laafaa dhufuun qabeenya uumamaa naannoo keenyaa irratti miidhaa fide; bosona mancaasee dhiqama biyyee qaqqabsiise.

Waan ta'eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetiivii “Duudhaa Keenya Ganamaatti haa deebinu!” jedhuun hojiiwwan hawaasummaa, eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa ajaa’ibsiisaa tajaajila lammummaan hojjechuu irratti argama. Kanaanis uwwisni bosonaa naannoo keenyaa 17.8% irraa gara 26. 7% tti ol guddachuu danda'ee jira. Kunis, uummanni Oromoo uummata guddaa karoorsee guddaa raawwatu ta'uu isaa hojiiwwaan waggoota sadan darban keessa hojjetaman ragaadha.

Uummanni waloon hojjetee injifannoo galmeessise kun bu’aa argamaa jiru itti fufsiisuuf biqiltuuwwan 'Sagantaa Ashaaraa Magariisaan' baroota darban keessa dhaabe kunuunsuun jijjirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf fala kennaa jiraachuusaa caalmaatti addunyaatti mul’isuu qaba.

Waan ta’eef, uummanni naannoo keenyaa hundi qabeenya uumamaa kunuunsuun naannoo magariituu jireenyaaf mijattuu taate, dhaloota boruu dhaalchisuu ta’uu hubatee, duula hojii misooma sululaafi kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo keenyatti Amajjii 15/2015 irraa eegalee guyyoota jaatamaaf(60) itti fufu irratti hirmaachuun gahee isaa barame akka bahu maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamichakoon dhiyeessa.

Oromiyaa ni ijaarra
Itoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Amajjii 2015
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015