Sirna Gadaa Arsii ciisee ture deebisanii ijaaruuf dhaloota haaraa sirnicha dhaalchisuuf gaheen abbootii Gadaafi qaamolee hawaasaa adda addaa ol'aanaa ta'uun himameera

549

Amajjii, 13/2015(TOI) - Yaa'iin miseensota Luba Gadaa Shanan Sikkoo Mandoo magaalaa Roobeetti taa'amaa jira

Yaa'icharratti kan argaman abbaa Gadaa Sikkoo Mandoo Aliyyii Suruur akka jedhanitti horteelee Oromoon qaban keessaa horteen Oromoo Sikkoo Mandoo tokko yoo ta'u, horteen kun sirna ittiin bulmaata duudhaa ganamaatti akka deebi'uuf sagantaan sirna haaromsaa gaggeeffamaa jiraachuu himan.

Qaamoleen saganticharratti hirmaatan dubbifne yaada kennaniin, sirni duudhaa Oromoo Sikkoo Mandoo aadaa waliin jiraachuu, wal kabajuufi nageenya ofii tiikfachuu duraan ture deebisanii itichuuf yaa'iin gaggeeffamaa jiru murteessaa ta'uu himuun, milkaa'ina isaatiif gumaacha nurraa eeggamu nibaanas jedhan.

Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii godina Baalee Aadde Roobdaa Jaarsoo yaa'iin sirna haaromsaa gadaa Sikkoo Mandoo gaggeeffamuun kun tumaalee aadaa duraan laafe deebisuudhaafi dhaloonni ammaa aadaaf, duudhaa ganamaatti akka deebi'uuf gumaacha ol'aanaa qaba jedhan.

Bulchaan godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii gamasaaniitiin mootummaan duudhaalee sirna gadaa jabeessuudhaaf xiyyeeffannoon hojjataa jiraachuu eeran.

Mootummaan misooma walootiif tajaajila lammummaa; nageenya walootiif gaachana sirnaa ; rakkoo hawaasummaa walootiif buusaa gonofaa; haqaaf mana murtii aadaa caffeen tumamee hojiitti galamuunsaa xiyyeeffannoo sirna gadaa jajjabeessuudhaaf kenne kan agarsiisu ta'uu dubbatan.

Yaa'ii kana booda tumaaleen sirna gadaa jajjabeessuudhaaf tumsan dhimmoota diinagdeefi hawaasummaarratti xiyyeeffatan ni tumamu jedhameet eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015