Biriitaaniyaan Paawundii miiliyoona 16 Itoophiyaaf deeggarsa taasiisuufi jedhame

87

Amajjii 12/2015 (TOI) – Biriitaaniyaan Itoophiyaatti naannawaa hongeefi sababa rakkoo nageenyaan miidhamaniif kan oolu Paawundii miiliyoona 16 deeggarsa taasiisuuf ta’uu beeksiifte.

Deeggarsichi Naannoo Tigraay dabalatee naannawaa sababa waraanaa fi hongeen miidhaman deebisanii dhaabuuf kan oolu ta’uu Ministirri Misoomaa Biriitaaniyaa Andariiwu Miishaal ibsaniiru.

Biyyattiin deeggarsa maallaqaan ala lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif dhiyeessii meeshaalee midhaan nyaataafi nyaataan alaa kan taasiftu ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsa taasiifamu kanaan lammiileen Itoophiyaa kumni dhibbi 6 ol dhiyeessii midhaan nyaataa kan argatan ta’uu kaasaniiru.

Ministirichi dhaabbileen idil addunyaa deeggarsa taasiisuu akka qaban gaafataniiru.

Deeggarsa taasiifamu keessaa Paawundiin miiliyoonni 11.6 sagantaa Oomishtoota Seeftineetii keessatti kan hammatamu ta’uu eeraniiru.

Paawundiin miiliyoonni 5 ammoo karaa sagantaa Nyaataa Addunyaan kan laatamu ta’uu Mootummaan Biriitaaniyaa ibsa laateen himeera jechuun FBC gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015