Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad muudama adda addaa kennan.

131

Amajji, 11/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad buuura heera mootummaa Keeyyaata 74(2)'n Mana maree bakka bu'oota uummataatti kanneen dhimmi ilaallatu muudama kenname kana akka mirkaneessan gaafatan

Haaluma kanaan,

  1. Doktar Alamuu Simee- Ministira Geejibaafi Loojistiksii
  2. Injiinar Habtaamuu Tagany-Ministira Albuudaa
  3. Doktar Girmaa Amantee- Ministira Qonnaa

Akkasumas:

  1. Obbo Maammoo Mihiratuu-Bulchaa Baankii Biyyaalessaa
  2. Aadde Aamtsahaay Phaawuloos- Ittigaafatamtuu Waajjira Ministira Muummeefi Ministira Dhimmoota Kaabinee
  3. Diyaaqon Daani’eel Kibrat-Ministira Gorsaa Damee Hawaasummaa Ministira Muummee
  4. Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee- Ministira Gorsaa Imaammata Alaa Ministira Muummee
  5. Obbo Mallas Alamuu- Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Damee Ijaarsa Sirna Dimokraasii
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015