“Dhuudhaalee amantiilee keessa jiran hunda waan gaariif fayyadamuu qabna"

79

Amajji, 11/2015(TOI) - Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, dhudhaalee amantaalee keessa jiran hunda waan gaariif ittifayyadamuu qabna jedhan.

Obbo Qajeelaan ergaa Ayyaana Cuuphaarratti dabarsaniin, Ayaanni Cuuphaa Iyyasuus kirstoos qalbii cabsachuu, jaalalaafi kabaja kan ittiin barsiiseedha jedhan.

Nutis fakkeenya kana gatii godhachuun wal jaalachuu, heddumina keenya walii kabajuufi tokkon tokkon keenya waliif yaaduu qabna jedhan.

Ayyaanni kun kan amantoonni jaalalan waliin dabarsan, kan nageenya itti labsan, kan heddumina ittiin agarsiisan waan ta’eef, nutis akka biyyaatti dhudhaalee kanneen cimsinee eeguu qabna jedhan.

Amantaan siyaasarraa bilisa waan ta’eef, walmakaarraa akka eegamu Abbootin Amantaa cimanii barsiisuu qabus jedhan.

Ministeerri Aadaafi Ispoortii ayyaanonni dhudhaalee nageenyaa, jaalalaafi hedduminaa biyya keenyaa akka cimsan ni hojjeta jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015