Ergaa baga geessanii Pirezdaanti Doktar Yiliqaal Kaffalaa keenyi

94

Amajji, 10/2015(TOI) - Pirezdaantiin Naannoo Amahaaraa Doktar Yiliqaal Kaffalaa ayyaana Cuuphaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsan.

Ergaasaaniin, Itoophiyaan aadaawwaniifi duudhaawwan amantii akkasumas seenawwaan hedduun kan badhaate.

Aadaawwaniifi duudhaawwan Addaabaabaayii addunyaarratti ittiin beekamnu keessaa tokko kabaja ayyaana Cuuphaa ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa xalayaan gabrummaa kan itticabe, nageenyiifi tasgabbiin kan itti ife, badhaadhinni kan itti mul’ate iccitii guddaadha. Ayyaanichi ibsituu tokkummaafi waliin ta’uu keenyaa mul’isuurra darbee qabeenya biyyaafi ummataa akkasumas hambaa addunyaati jedhan.

Hambaan kunis sirnasaa eeggatee, caalaatti guddateefi badhaadhee madda turizimii akka ta’uuf hojjechuu qabna jedhanii, ayyaanota adda addaa misoomsuufi beeksisuun faayidaa dinagdee damee turizimiin argamu guddisuuf hojii eegalame ciminaan ittifufsiisna jedhaniiru.

“Ayyaanicha wayita kabajnu haaloofi jibbinsarraa fagaannee, dhugaaf kan dhaabbannu, nageenya naannawa keenyaaf tokkummaan kan dhaabbannu ta’uu qaba jedhanii, hordoftoota amantichaa maraaf ayyaannichi kan itti walii yaadnu, walgargaarruufi tokkummaan keenyi itti cimuu akka ta’u maqaa mootummaa naannichaatiin hawwii koon ibsa” jechuun dhamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015