Ayyaanni Cuuphaa duudhaafi safuu amantichaa eegee akka karaa nagaafi miidhagaan kabajamu taasisuun dirqama lammiilee Itoophiyaa hundaati

148

Amajji, 10/2015(TOI) - Ayyaanni Cuuphaa duudhaafi safuu amantichaa eegee akka karaa nagaafi miidhagaan kabajamu taasisuun dirqama lammiilee Itoophiyaa hundaati jedhe Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Federaalaa.

Manni marichaa ayyaana cuuphaa sababeeffachuun hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarseera.

Manni marichaa ergaa isaan ayyanivhi sirna amantaafi duudhaa isaa eegee akka kaajamu taasisuun dirqama lammilee Itoophiyaa hundaati jedheera.

Manni marichaa ayyaanni cuuphaa ayyaanota gurguddoo manni amataa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa addabaabayitti kabajju keessaa tokkofi isa guddaa ta'uu eeruun ayyaannichi kan nagaa, jaalala, araaraa fi gamtaa akka ta’u hawwii qabu ibseera.

Ayyaanni kun barsiisaafi duudhaa amantaa irra darbee walitti hidhamiinsa hawaasummaa lammiilee Itoophiyaa kan cimsu, sochii diinagdee kan guddisufi maqaa gaarii biyyaa fi guddina indaastirii turizimiitiif iddoo guddaa akka qabus eereera.

Ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamee xumuramuuf hawaasni miira tasgabbaa’aafi nagaa qabeessa ta’een akka socho'uufi nagaa kabachiisuu keessattis qooda isaa akka bahatu waamicha taasiseera.

Qaamoleen nageenyaafi kanneen dhimmi ilaallatu hundi gaafatamummaa isaanii ciminaan bahachuu akka qaban hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015