Ayyaanni Cuuphaa ayyaana addunyaarraatti maqaa keenya waamsisuu fi miidhagina keenya

142

Amajjii 10/2015 (TOI) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa bakka itti walgeenyu, ayyaana tokkummaa fi jaalalaati jedhan.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana addunyaarraatti maqaa keenya waamsisu, miidhagina keenya agarsiisu,agarsiiftuu tokkummaa fi eenyummaati jedhan.

Duudhaa miidhagaa amantaa fi aadaa daawwattoonni addunyaa daawwatan ta’uu ergaa isaaniin ibsaniiru.

Ayyaana Finfinneen miidhaginarratti miidhagina itti goonfattu, jiraattoonni waloon kabajan, daawwattoonni hedduun itti keessummaa’aan, magaalittiin kallattii hundaan akka abaaboo itti daraartu, eebba abbootii fi haadhoolii itti argattuudha jechuun ibsaniiru.

Aadde Adaanach,tokkummaa keenyaa nageenya waaraaf, jaalalaa fi walkabajuun Itoophiyaa yaa tiksinu, tumsaa fi hojii cimaan Itoophiyaa ol yaa kaafnu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015