Obbo Dammaqaa Mokonniin gaanfa Afrikaatti ergamtuu addaa Gamtaa Awurooppaa doktat Anneet Webeer waliin mari'atan.

93

Amajji, 9/2015(TOI) - Itti aanaan Ministira muummeefi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin gaanfa Afrikaatti ergamtuu addaa Gamtaa Awurooppaa Anneet Webeer waliin har'a waajjira isaaniitti mari'atan.

Waajjirri dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa akka beeksisetti mariin kun hojiirra oolmaa waliigaltee Nageenya Piriitooriyaa taasifameefi haala yeroo, akkasumas dhimmoota qaxanaafi idil-addunyaa irratti kan xiyyeeffatedha.

Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa akka himanitti hojiirra oolmaaa waliigaltee piritooriyaaf mootummaan hojii hedduu hojjechaa jira.

Tajaajilli bu’uuralee misoomaa deebi’ee eegalamuu, qaqqabummaan gargaarsa namoomaa babal’achuufi Komishiniin marii Biyyaalessaa hundaa’uu eeraniiru.

Itoophiyaan hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu fooyyessuuf kutannoo qabdi jedhan.

Obbo Dammaqaan Gamtaan Awurooppaa '' Yeroon hojii galma siyaasaaf kan hundeeffame garee ogeeyyii mirga namoomaa idil-addunyaa, dhimma mirgoota namoomaa akka qoratuf hundeeffamee akka hin dheereffamne deeggarsa akka godhu gaafataniiru."

Itoophiyaan dhiittaa mirga namoomaa yeroo walitti bu’iinsa uumame bu’uura waliigaltee taasifameen karaa ce'umsa haqaan furmaata barbaaduuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru.

Gaanfa Afrikaatti Ergamtuun Addaa Gamtaa Awurooppaa, Anneet Webeer akkaataa waliigaltee kanaan hojii mootummaan Itoophiyaa hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Gamtichi Itoophiyaatti lammilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Daawwannaan ministiroonni Dhimma alaa Jarmanii fi Faransaay tibbana Itoophiyaatti taasisan hariiroo Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa cimsuu keessatti iddoo guddaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015