Magaalaa Finfinneetti Addabaabayii Masqalaatti aanee Pirojeektiin Addabaabayii uummataa guddichi har'a ijaarsi isaa eeggalame waantoota armaan gadii of keessatti hammateeea.

92

• Pirojektoota giddugala magaalaa qofaatti ijaaru osoo hin taane naannawaa moggattiis babali'isuu ilaalcha keessa kan galchedha.

• Pirojeektiin guddichi kun baajata birrii biiliyoona 1.3n ijaarama.

• Giddugala Innoveeshinii Afrikaa haaraa yaaka keessa galchuun, wiirtuu walgahii fi agarsiisa idil-addunyaa keessummeessuufi fayidaa naannawwaa kanaaf kennu jiddugala taasifachuun ijaaramudha. Pirojeetii hunda galeessa naannawicha miidhagsuu, addabaabayiwwaniifi daandiwwan miillaa naannawwa sana jiran waliin qindaa'ee hojjetamudha.

• Pirojektichi walta’iinsa mootummaa fi dhaabbata dhuunfaa Art Design and Building Plc jedhamuun ji’oota 10 keessatti ijaaramee xumurama.

• Pirojektiin kun galma walga’ii, bakka uummannii itti walga'u, jiim, paarkii cidhaa fi tajaajila biroof oolu, bakka dhaabbii konkolaataa, suuqiiwwan gurguddoo, waajjira, mana kitaabaafi kanneen biroo of keessaa qaba.

• Pirojektichi bal’ina iskuweer meetira kuma 14 fi 400 irratti kan ijaarsama.• Ijaarsi Pirojeektii kanaa lammilee 1100 ta’aniif carraa hojii ni uuma; Ijaarsichi yeroo xumuramee hojiitti seenu lammiilee 400f carraa hojii dhaabbataa ni uuma.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015