Jilli MM doktar Abiy Ahimad durfamu banissa torbee 'Sastenabiliitii' Abu Daabiirratti hirmaachaa jiru.

111

Amajji, 8/2015(toi0 - Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimadiifi jilli isaan sirna banissa torbee 'Sastenabiliitii' Abu Daabiirratti hirmaachaa jiraachuu waajjirri Ministira Muummee beeksise.

Akka odeeffannoo Waajjirichaatti '' Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiifi jilli isaanii yeroo ammaa Abu Daabii galuun banissa sirna torbee SAstenabiliitii hirmaachaa jiru jedheera.

Torbeen Sastenabiliitii Abu Daabii Insheetivii idil addunyaa Emereetotaa Araba Gamtoomaniin gaggeeffamu, guddina diinagdee fi misoomaa waaraa saffisiisuun jijjiiramaa hawaasummaa mirkaneessuuf, Dhaabbata Maddisiisa humnaa Maasdaariiin kan deeggaramuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015