Itiyoophiyaan Invastimantii fi Tuuriizimiin filatamtuu akka taatu mootummaan abbootii qabeenyaa biyya alaa hawachuuf hojjechaa jira- obbo Dammaqaa Mokonnin

99

Amajjii 6/2015(TOI)- “Itiyoophiyaan Invastimantii fi Tuuriizimiin filatamtuu akka taatu mootummaan abbootii qabeenyaa biyya alaa hawachuun hojjechaa jira” jedhan itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimmi alaa obbo Dammaqaa Mokonnin.

Eksipoon invastimantii, daldalaa fi faayinaansii idil addunyaa Dabrabiraan itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimmi alaa Dammaqaa Mokonnoniin ifatti banameera.

Obbo Dammaqaan wayita kanatti akka ibsanitti biyyaa fi ummata boodatti hafuu fi hiyyuma jalaa baasuuf shoorri kutaan dinagdee dhuunfaa olaanaadha.

Nageenyii fi misoomni waaraa biyyattiitti akka mirkanaa’u yaada, beekumsaa fi qabeenyaa qindeessuun gama hojjechuutiin hojiin jajjabeessaan damee dhuunfaan jalqabame cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Keessumaa qaqqabiinsi invastimantii fi tuurizimii magaalaan Dabrabiraan itti fufiinsaan guddachaa akka akka dhufu karaa walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu beeksisaniiru.

Ummanni naannawaa gahee gama nagaasaa eegsisuu fi keessummaa simachuu cimsee itti fufuu akka qabu obbo Dammaqaan himaniiru.

 “Mootummaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa deeggaruurra darbee abbootii qabeenyaa biyya alaa hawachuun Itiyoophiyaan bakka qaqqabiinsaa invastimantii fi tuurizimii filatamtuu akka taatu xiyyeeffannaan hojjetamaa jira” jechuun ibsaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Amaaraa doktar Yiliqaal Kaffaaloo gamasaaniitiin, bakkeewwan qaqqabiinsa invastimantii fi tuurizimii hedduun naannicha keessa akka jiran ibsaniiru.

Damee industirii oomishaaf naannicha keessa haallen mijataan jiraatanis amma ammaatti sochiin jiru amma barbaadame waan hin taaneef eeranii, “abbootiin qabeenyaa humna qaban gara naannichaa dhufanii damee industiriirratti yoo bobba’an deeggarsii fi gargaarsi barbaachisaan nitaasifamaaf” jedhaniiru.

Abbootiin qabeenyaa dameewwan invastimantii addaddaarratti bobba’uuf Kanaan dura lafa fudhatanii hinmisoomsine akkaataa waliigalteesaaniin dafanii hojiitti akka seenan doktar Yiliqaal hubachiisaniiru.

Kaayyoon eksiipoo guyyaa har’aa baname qabeenyota dilbii naannichatti argaman beeksisuu fi walitti hidhiinsa gabaa uumuuf akka ta’e dubbataniiru.

Dursaan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa magaalaa Dabrabiraan Obbo Xilaahuun Imbii’aalee gamasaaniitiin, nageenya industirii eegsisuuf mootummaa fi ummanni waliin hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Dhaabbileen oomishtootaa 200 ol eksipoo kanarratti hirmaachuusaanii eeranii, kanneen keessaa 20 kaampaaniiwwan biyya alaarraa dhufan ta’uu dubbataniiru.

Eksipoon har’a irraa eegalee amma Amajjii 14/2015tti ummataaf banaa ta’u kana ummanni miiliyoona 1 ta’u nidaawwata jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015