Shaampiyoonaa kubbaa miilaa biyyoota Afriikaatiin Aljeeriyaan Liibiyaa mo’achuun injifannoon jalqabde

320

Itiyoophiyaan tapha ramaddii jalqabaa Moozaambiik waliin har’a nitaphatti.

Amajjii 6/2015(TOI)-Shaampiyoonaa kubbaa miilaa biyyoota Afriikaa torbaffaan(Chaan) tapha baniinsaa kaleessa galgala taasifameen ramaddii tokkoon biyyi qpheessituun Aljeeriyaan Liibiyaa 1 fi 0n mo’atteetti.

Ramaddii Kanaan har’a Itiyoophiyaan Moozaambiik waliin nitaphatti.

Taphataan sarara duraa umuriinsaa 25 ta’e Ayimen Mahiiuus rukuttaa adabbiin daqiiqaa 57 irratti goolii Aljeeriyaan ittiin mo’atte galcheera.

Tapha biyoota lamaaniin dura Istaadiyeemii Nelsan Maandeellaatti sirni baniinsaa dorgommii ho’aan adeemsifameera.

Pirezidaantiin waldaan kubbaa miilaa idil addunyaa(Fiifaa) Jiyaanii Infaantiinoo, pirezidaantiin konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) Paatriis Mootseeppee fi ministirri muummee Aljeeriyaa Ayimen Beenaabderaahimaanee sirna baniinsaarratti argamaniiru.

Lammiin Naayijeeriyaa Jeey Jeey Okoochaa, lammiin Kaameeruun Saamu’eel Eettoo, lammiin Kootdivaar Diidiiyeer Diroogbaa, lammiin Aljeeriyaa Raabaah Maajer fi taphattoonni bebbeekamoo duraanii lammii Afriikaa ta’an kanneen biroo sirna kanarratti argamaniiru.

Ramaddii tokkoon har’a sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Nelsan Maandeellaatti Itiyoophiyaan Moozaambiik waliin tapha ramaddii kan jalqabaa nitaasifti.

Mo’ataa Chaan kan wayitii ammaa Moorookoon tapha kana keessaa waan ofbaafteef lakkoofsi hirmaattotaa gara 17tti gadi bu’eera.

Dorgommiin Chaan kun amma Amajjii 27 bara 2015tti nitura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015