Itoophiyaafi Faransaay waliigaltee deeggarsa Yuuroo miliyoona 32 mallatteessan

91

Amajjii 5/2015 (TOI)- Mootummaan Itoophiyaafi Faransaay lammilee sababa waraanaan miidhaan irra gaheef kan oolu waliigaltee deeggarsa Yuuroo miliyoona 32 mallatteessan.

Waliigalticha deetaa ministira Maallaqaa Samaartaa Sawaasawufi Ministirri dhimma alaa Faransaay Katiranee Kolonaan mallatteessaniiru.

Deeggarsichi oomishtummaa qonnaa lammiilee naannolee Amaaraa, Tigraay, Afaar, Oromiyaafi uummattoota kibbaatti sababa walitti bu’iinsaan miidhamanii fooyyessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Deeggarsa marsaa lamaan taasisamu kun dhaabbilee misoomaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruun lammilee miliyoona 12 fayyadamaa taasisa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015