Ambaasaaddaroonni biyyoota 7 Itiyoophiyaatti muudaman xalayaa muudamasaanii pirezidaantii Saahilawarqiif dhiheessan

90

Amajjii 5/2015(TOI)- Ambaasaaddaroonni biyyoota 7 Itiyoophiyaatti muudaman xalayaa muudamasaanii pirezidaantii Saahilawarqiif dhiheessuunsaanii ibsame.

Ambaasaaddaroonni haaraa muudaman ambaasaaddara Rumaaniyaa Luluyaa Potaakii, ambaasaaddara Aljeeriyaa Mahaammad Laamiin Laabaas, ambaasaaddara rippaabiliikii cheek Miirooslaav Koosiik, ambaasaddara Yuunaayitid Kiingidam Daareen Weelch, ambaasaaddara Giinii Elhaaj Niink Kaabaa, ambaasaaddara Zimbaabuwee Soofiaa Niyaamuudeehaa akkasumas ambaasaaddara Giinii Bisaawu Maariyaa Antooniyaa ta’uun beekameera.

Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota kanneen waliin qabdu gama qonnaa, barnootaa fi dameewwan biroon qabdu caalaatti ni cimsiti jedhaniiru.

Pirezidaant Saahilawarq yeroo qormaataa Itiyoophiyaan dabarsite keessatti biyyoota cinaashee dhaabataniif galata dhiheessaniiru.

Ambaasaaddaroonni xalayaa muudamasaanii dhiheeffatan gamasaaniin biyyoonni bakka bu’an hariiroo Itiyoophiyaa waliin qaban caalaatti cimsanii akka itti fufan odeeffannoon waajjira dubbi himaa dhimma alaa ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015