Naannoo Beeniishaangul Gumuzirraa galiin birrii biiliyoona 1 fi miiliyoon 70 sassaabame

62

Amajjii 05 bara 2015 (TOI) Batiiwwan jahan darbanitti naannoo Beeniishaangul Gumuz madda galii addaddaarraa birriin biiliyoona 1 fi miiliyoon 70 sassaabamuusaa abbaan taayitaa galiiwwanii naannichaa beeksise.

Rwaawwiin galii sassaabuu abbaan taayitichaa baatii jahan darbanii magaalaa Asoosaatti waltajjiin marii adeemsifamaa jira.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Mallasaa Kuwii waltajjicharratti  gabaasa dhiheessaniin akka jedhanitti, galiin argame naannichatti walakkaa bara 2015 galii sassaabuuf karoorfame biiliyoona 1 fi miiliyoona 250 keessaa akka ta’e ibsameera.

Amma karoorfame raawwachuu dhabuuf sababa kan ta’e naannicha bakka tokko tokkotti hojiin cimaan hojjetamuu dhabuu akka ta’e ibsaniiru.

Ta’ullee raawwii bara 2014 yeroo walfakkaataa waliin yemmuu walbira qabamee ilaalamu caalmaa birrii miiliyoona 368 tuqaa 8 akka qabu Ob. Mallasaan himaniiru.

Kafaltoota gibiraa badhaasuu fi jajjabeessuun akkasumas waltajjii sosochii mijeessuun haala sassaabbii gibiraa fooyyessuuf yaaliin cimaan taasifamuu dubbataniiru.

Daldaltoonni seeraan alaa naga’ee malee yemmuu gurgurtaa raawwatan argaman 73 birrii birrii miiliyoona 1 fi tuqaa 1 ol yemmuu adabaman, daldaltoonni 28 ammoo ofeeggannoo bira darbamuu daarektarri olaanaa kun yaadachiisaniiru.

Baatiiwwan bara bajataa hafanitti raawwii fooyyee qabu galmeessisuun karoora qabame galmaan gahuuf qooda fudhattoota deeggaruu irraa eegalee caasaalee abbaa taayitichaa cimsuurratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru.

Hawaasni daldalaa bittaa fi gurgurtaa seera qabeessa adeemsisuun gibira yeroon kafaluu akka qabu, hawaasni ammoo naga’ee qofaan bittaa raawwachuun itti gaafatamasaa akka bahu daarektarri olaanaa kun ergaa dabarsaniiru.

Naannoo Beeniishaangul Gumuuzitti bara bajataa kanatti  sassaabuuf kan karoorfamu birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 500 akka ta’e ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015