Ispoortii hunda galeessa babali'isuuf leenistoonni sadarkaa jalqabaa 1200 leenji'aniiru.

154

Amajji, 5/2015(TOI) - Baadiyyaafi magaalaatti sosochi Ispoortii hunda galeessa babali'isuun haawasarraa saaxilamummaa dhibeewwan daddarboo hin taane xiqqeessuuf leenistoonni sadarkaa jalqabaa 1200 leenji'uu Ministeera Aadaafi Ispoortiitti dursaan hojii misooma Ispoortii obbo Tasfaayee Baqqalaa beeksise.

''Sosochii Ispoortii saatii tokkotti miliyoonotaaf'' mata duree jedhuun sosochiin Ispoortii hunda galeessa magaalaa Dillaatti geggeeffameera.

Sirna kanarratti kan argaman obbo Tasfaayee Baqqalaa sochii qaamaa(Ispoortii) hojjechuu dhiisuun dhibeewwan daddarboo adda addaaf akka nama saaxilu himaniiru.

Keesayyuu kutaan hawaasaa yeroo dheeraaf sochiirraa dhaabbatee bakka hojii taa'aa oolu dhiibbaan kun kan irratti heddummatu ta'uu himaniiru.

Bakka namoonni itti baay'aatan kanneen akka mana barnootaa, waajjiraalee mootummaafi dhaabbilee birootti sochii Ispoortii hunda galeessaa jalqabiisuun rakkicha furuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Guyyaa hara'aa magaalaa Dillaa dabalatee sadarkaa biyyaatti magaalota adda addaatti lammileen miliyoona 5 kan irratti hirmaatan sosochiin Ispoortii hunda galeessaa biyyaaleessa taasifamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015