Tajaajilichi dameewwan laaboraatoorii yaalaa, sakatta’insaa fi walbira qabanii ilaaluun dhaabbilee 11f mirkaneessituu mirkaneessituu olaanaa dandeettii kenne

258

Amajjii  5/2015(TOI)-  Tajaajilli Akreediiteeshiinii Itiyoophiyaa dameewwan laaboraatoorii yaalaa, sakatta’insaa fi walbira qabanii ilaaluun dhaabbilee 11f mirkaneessituu mirkaneessituu olaanaa dandeettii kenne

Daarektarri olaantuu tajaajila akireediiteeshinii Itiyoophiyaa adde Masarat Tasammaa akka ibsanitti, akireediiteeshiniin mirkaneessa ga’umsa qulqullinaa olaanaan kan kennameef dhaabbilee laaboraatoorii yaalaa akkasumas sakatta’insaa fi Kaaliibireeshiin, dandeettii ogummaa irraa barbaadamu irra gahuunsaanii mirkanaa’eefidha.

Haala Kanaan kanneen ulaagaa madaallii hojmaataa fi bu’ura misoomaa guutan 11f akireediiteeshiiniin akka kennameef akka kenname ibsameera.

Dhaabbanni Itiyoophiyaa walta’oo madaalu waldaan aksiyoonaa huccuu Kombolchaa, hoospitaalli generaalaa Shaggaawu Mooxaa fi hoospitaalli rifaraalaa Yunivarsiitii Diillaa guyyaa kaleessaa Adaamaatti akireediiteeshiinii kennameef keessaayyi.

Kana malees inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa,laaboraatooriin kaansarii sonbaa biyyaalessaa fi inistiitiyuutiin teeknooloojii faashinii teekistaayilii Itiyoophiyaa mirkaneessa qulqullina olaanaa kanneen argatan keessaa akka ta’an dubbataniiru.

Daarektarri olaantuu kun keessumaa TOIf akka ibsanitti mirkaneessi qulqullinaa kun qulqullin oomishoota biyya keessaa fi alaa irratti bu’uureffachuun akka ammayyaa’an akkasumas rakkoolee qulqullinaa oomishaa fi oomishtummaarratti mul’atan hiikuuf nigargaara jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015