Manni murtichaa tajaajila fooyyee qabu kennuuf hojiiwwan dadeessisan hojjechuuratti xiyyeeffannoon hojjechuu qaba.

69

Amajji, 5/2015(TOI) - Manneen Murtii sadarkaa tokkoffaaFederaalaa tajaajilamtootaaf tajaajila fooyyee qabu kennuuf hojiiwwan dadeessisan hojjechuuratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu Manni maree bakka bu'oota uummataa hubachiise.

Koreen dhaabbi dhimma seeraafi Haqaa mana marichaa mana murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa ramaddii Lidataatti argamuun daawwannaa taasiseera.

Miseensoonni koree dhaabbii kun mana murtichaa keessatti haalli kennisa murtii seeraa, sirna dabaree eeggachuu dabalatee tajaajiloota adda addaa daawwataniiru.

Miseensoonni korichaa hojjetoota, Abbootii murtiifi hoggantoota mana murtichaa waliin ciminootaa fi hanqinoota jiran irratti mariyataniiru.

Kennisaa tajaajila mana murtichaarratti baay'inni lakkoofsa abbootii murtiifi galmee wal madaaluu dhabuu, tajaajila si'ataa haala barbaadamuun laachuu dhabuun rakkoowwan mana murtichaatti mudachaa jiranidha jedhameera.

Walitti qabduun koree dhaabbiicha aadde Itsagannat Mangistuu akka himanitti manni murtichaa dhaaddacha ifaa taasisuurratti caalaatti xiyyeeffannoon hojjechuu qaba.

Keessaayyuu lammileen ariitiin haqa akka argatan taasisuurratti hojii baay'ee hojjechuun akka barbaachisu himaniiru.

Kana gochuuf hojiiwwan jijjirama adda addaa jalqabaman cimanii akka itti fufan hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015