Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti Invastaroonni 600 ol Gara oomishuutti cehaa jiru

61

Amajjii 05/2015(TOI) Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti Invastaroonni 600 ol Gara oomishuutti cehaa akka jiran biiroon bulchiinsa lafa baadiyyaa fi Invastimantii beeksise.

Invastimantoonni gara oomishaatti cehaa jiran pirojaktoota birrii biiliyoona 13 galmeessisan keessaa ta’uu biirichi ibseera.

Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti amma walakkeessa bara bajataa 2014 amma 2015tti pirojektoonni  invastimantii kuma 1 fi 500 galmaa’uusaanii itti gaatatamaan biiroo ob. Amantee Gashii TOIf himaniiru.

Pirojektoota Invastimantii keessaas dameewwan qonnaa fi albuudaa akka argaman eeranii, kanneen keessaa 600 ol kan ta’an qophii xumuranii gara oomishaatti cehaa jiraachuusaanii beeksisaniiru.

Pirojektoonni kunneen guutummaan gara oomishaatti wayita cehan kutaalee hawaasaa kuma 21 ol ta’aniif carraa hojii ni uumu jedhamee akka eegamu ibsaniiru.

Nageenya naannichatti cimaa dhufetti fayyadamuun invastimantii caalaatti babal’isuuf foramiin invastimantii abbootii qabeenyaa fi hawaasa ofkeessatti qabate dhiheenyatti akka adeemsifamu itti gaafatamaan kun himaniiru.

Baatii Guraandhalaa 2015 irraa kaasee lafti heektaarri kuma 40 qophaa’e ob. Amanteen eeraniiru.

Naannichatti qindeessaan waldaa abbootiin qabeenyaa invastimantii qonnaarratti bobba’anii Abdulmaammud Ibraahiim yaada kennaniin, nageenya naannichatti bu’e sababeeffachuun nuyi abbootiin qabeenyaa invastimantii qonnaarratti bobbaane hojiitti galuuf qophoofneerra jedhaniiru.

Kanaafis tokkummaa keenya caalaatti jabeessuun nageenya keenya cimsuu qabna

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015