Dhaabbileen eenyumaa hojjetoota hojii waardiyyaa isaan bira hojjetan sirritti adda baasuu qabu jedhame

157

Amajji, 3/2015(TOI) - Dhaabbileen eenyummaa hojjetoota hojii waardiyyaa qacaraniifi isaan bira hojjetanii sirriitti adda baasuu qabu jedhame.Gama kanaan ejensiiwwan hojjetoota hojii eegumsa(Waardiyyaa ) hojjetan dhiheessan dirqama isaanii karaa sirrii ta'een bahachuu qabus jedhameera.

Poolisiin magaalaa Finfinnee Ejensiiwwaan hojjetoota hojii eegumsaa hojjetan dhiheessaniifi hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaanisii waliin hojii dhaabbilee dhuunfaafi mootummaa keessatti dhimma hojii eegumsaa irratti hojjetamurratti mariyateera.

Marii kanarratti komishinerri Poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Argawu akka himanitti hojjetoonni hojii eegumsaa hojjetan tokko tokko yakka raawwachuuf yaadanii sanada sobaan dhaabbilee adda addaatti qacaramaa jiraachuu qorannoon mirkanaa'eera jedhan.

Kanneen haala to'annoo jala oolanis akka jiran komishinarichi himaniiru.Kanaaf dhaabbileen eenyummaa hojjetoota hojii eegumsaa hojjetanii yeroo qacaraniis ta'ee kanneen qacaranii hojjechiisaa jiranii sirritti adda baafachuu akka qaban eeraniiru.

Ejensiiwwan hojjetoota kana dhaabbileef dhiheessanis dirqama isaanii haala barbaachisuun bahacchuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waltajjii marii kanarratti hanqinoota gama Ejensiiwwaniin muli'atan kan qorannoon mirkanaa'ee dhihaatee irratti mariyatameera.

Marii kanaanis qacarrii humna namaa, wabii gahaa ta'ee dhiheessuufi odeeffannoo gahaa ta'ee qabsiisuurratti ejensoonni hanqina waan qabaniif sirreeffachuu akka qaban itti aanaan komishinara damee yakkaa fi ittisa balaa Tiraafikaa Poolisii Finfinnee Mangashaa Mollaa hubachiisuu isaanii ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015