Hariiroo Itiyoo-Jibuutti cimsuuf hojjetamaa jira

98

Amajji, 3/2015(TOI) - Hariiroo Itiyoo-Jibuutii gara sadarkaa olaanaatti ceessissuuf hojjetamaa jiraachuu Jibuutitti Ambaasaaddaarrii Itoophiyaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggayyee himan.

Ambaasaaddaar Birhaanuu Hariiroo biyyoota lamanii gama misoomaan qaban daraan cimsuuf hojiillee garagaraa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Keessattuu Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru bu’uuraalee dinagdee hedduudhaan kan walqabate ta’us himan.

Kanaanis, Ji'a jahan darban keessatti qofa boba'aa liitira biliyoona 2 ol, sibiilaa meetiriik toonii kuma 200fi kuma 29 oliifi meeshaaleen konteenaraa kuma 57 ol ta'an karaa Jibuutii Itoophiyaa seenuusaanii himaniiru.

Gama daldala al-ergiitiin, ji’oota walfakkaatan keessatti, buna, salixii, huccuu fi oomishaalee indaastirii, waliigalatti konteenaroota kuma 24fi 506 karaa buufata doonii Jibuutii geejjibamee gabaa biyya alaatif dhiyaachus himaniiru.

Kana malees hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaniis akka fakkeenyatti kan caqasamuu ta’us dubbatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015