Baatiwwan 6’n darban Intarpiraayizootaaf Birrii biiliyoonni 1.1 Liqaan rabsamuu ibsame

80

Amajjii 2/2015 (TOI) – Baatiwwan 6’n darban humna Intarpiraayizootaa cimsuuf Birrii biiliyoonni 1.1 Liqaan rabsamuu Inistiitiyuutiin misooma Intarpiraayizoota Itoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi hoggantoota naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa lamaanii waliin raawwii hojii walakkaa waggaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Mootummaan yeroo kamiiyyuu caalaa damichaaf xiyyeeffannoo laatee hojjechaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii misooma Intarpiraayizoota Itoophiyaa Dooktar Allabbaachoo Niguseen ibsaniiru.

Baatiwwan 6’n darban humna Intarpiraayizootaa cimsuuf Birrii biiliyoonni 1.1 Liqaan rabsamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015