Atileetonni dhalootan naannoo Tigiraay gara magaalaa Maqaleetti imaalan. - ENA Afaan Oromoo
Atileetonni dhalootan naannoo Tigiraay gara magaalaa Maqaleetti imaalan.
Amajji, 2/2015(TOI) - Sababa waraana kaaba biyyatti tureen waggoota lamaaf maatii isaaniirraa fagaatanii kan turan Atileetonni dhalootan naannoo Tigiraay ta'an haala mijataa sababa waliigaltee nageenyaa umameen maatiisaanii waliin wal arguuf gara magaalaa Maqaleetti imaalan.
Imaala kana keessa atileetoonni dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaafi kanneen biroorratti Itoophiyaa boonsan, miseensota hoji raawwachiiftoota atileetiksii Itoophiyaafi Leenjistoonnis ni jiru.
Bakka bu'aan waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa obbo Yohaannis Ingidaa TOItti akka himanitti kaayyoon imaala kanaa sababa waraanaan atileetoonni maatii isaanii waggaa lamaaf osoo hin argiin turan yoo isaan maatii isaanii waliin wal argan gammachuu isaanii qooddachuufi.