Ministirri albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa warshaa Warqee Kumruuk birrii biiliyoona 14n ijaaramaa jiru daawwatan

106

Amajjii 01/2015(TOI) - Ministirri albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa warshaa Warqee Kumruuk naannoo Beeniishaangul Gumuuzitti birrii biiliyoona 14n ijaaramaa jiru daawwatan

Ministirichi pirezidaantii naannichaa ob.Ashaadlii Hasan fi hoggantoota mootummaa federaalaa fi naannichaa waliin ta’uun adeemsa ijaarsichaa daawwachuunsaanii odeeffannoo marsariitiisaaniirratti baasaniin ibsaniiru.

 “Mul’anni keenya oomisha Warqee kubbaaniyyoota gurguddoo keessatti oomishuuf qabnu akka dhugoomu agarsiiftuu kan ta’an keessaa warshaan har’a naannoo Beeniishaangul Gumuzitti argine warshaa warqee Kurmuuk guddichadha” jedhaniiru.

Kutaa dinagdee albuudaatiin ijaarsa dinagdee tasgabbaa’aa waliin taanee milkeessuu akka dandeenyu daawwannaan har’aa ni’agarsiisa jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015