Daandiin Baaburaa Itiyo- Jibuutii ji'oota shanan darban galii birrii biliyoona 2.5 argate.

82

Amajji, 1/2015(TOI) - Waldaan Aksiyoonni Daandii Baaburaa Itiyo- Jibuutii ji'oota shanan darban galii birrii biliyoona 2.5 argachuu beeksise.

Hoji geggeessaan olaanaa Waladaa Aksiyoonichaa doktar Abidii Zannabaa TOItti akka himanitti daandiin Baaburaa Itiyo- Jibutii tajaajila kennu bababali'isaa jira.

Ji'oota shanan darban qofaa fe'uumsa toonii kuma 500 imaalchisuun galii birrii biliyoona 2.5 argachuu beeksisaniiru.

Kunis bara bajataa 2014 yeroo walfakataan yoo madalamu caalmaa birrii miliyoona 600 kan qabu ta'uu eeraniiru.

Daandichi bara bajataa 2015tti ji'oota shanaan darbanitti fe'umsa ala ergiifi alaa galchii fe'een gaheen inni bahe harka 15 gaheera jedhaniiru.

Kunis kanaan dura harka 11.2 kan ture yoo ta'uu bara kana guddina agarsiisuu isaa kan muli'isudha jedhaniiru.

Waldaan Aksiyoonaa geejibaa daandii Baaburaa Itiyo- Jibutii tajaajiloota ala arigiifi alaa galchii kennu gosaafi hangaan dabalaa dhufuu isaan jijjiramni kun kan argame ta'uu himaniiru.

Akka hoji geggeesichi himanitti, daandichi ji'oota shanaan darbanitti, Xaa'oo biyyoo, Zayita nyaataa, Qamadii, Konkolaatotaafi kanneen biroo toonii kuma 500 ta'an fe'uu himaniiru.

Gara fuula duraattis daandichi qonnaan bultoota karaa daandiin kun keessa darburaa jiran irraa oomisha isaanii fudhee gara gabaatti dhiheessuu tajaajila dandeesisuu jalqabuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Haga ammaatti tajaajila kan hin jalqabene daandiin sarara Sabbataan yeroo dhihootti hojii kan jalqabu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015