Finfinneetti baasii birrii biliyoona 3 oliin jiddugalli dagaagina ogummaa fi haaromsaa dubartootaa ijaaramuuf

187

Mudde, 30/2015(TOI) - Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti baasii birrii biliyoona 3 oliin jiddugalli dagaagina ogummaa fi haaromsaa dubartootaa ijaaramuuf

Jiddugala kanarraa waggaatti dubartoonni kuma 10 fayyadamoo kan ta'an ta'uun himameera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee kutaa magaalaa Aqaaqii jiddugala damdamachiisa manguddootaa duraniitti argamuun dhagaa bu'uuraa kaa'uun pirojeekticha ifatti jalqabsiisaniiru.

Jiddugalli kun durtoota sababa adda addaan rakko hawaasummaaf saaxilaman bayyanachiisuufi deebisanii ijaaruuf kan tajaajilu ta'uu aadde Adaanech himaniiru.

Jiddugalli kunnlafa heektaraa 5.1 irratti kan ijaaramu yoo ta'uu pirojeektiinnkun waliigalaan bajata birrii biliyoona 3.1 kan ijaaramudha jedhameera.

Pirojektichi waggaa tokko keessaatti xumuramuun hojii akka eegalu saganticharratti ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015