Ayyaana qillee sababeeffachuun kutaa magaalaa Booleetti lammiilee human hinqabnee fi harka qalleeyyiif sagantaan maaddii qooduu taasifame

101

Ayyaana qillee sababeeffachuun kutaa magaalaa Booleetti lammiilee human hinqabnee fi harka qalleeyyiif sagantaan maaddii qooduu taasifame

Mudde 29/2015 /TOI/ Ayyaana qillee sababeeffachuun kutaa magaalaa Booleetti lammiilee human hinqabnee fi harka qalleeyyii kuma tokko ta’aniif sagantaan maaddii qooduu taasifame.

Sagantaan maaddii qooduu mata duree “hojiin gaariin walitti hidhiinsa hawaasummaaf” jedhuun qophaa’e walta’iinsa qindeessaan hirmaannaa hawaasaa kutaa magaalichaa dhaabbata  “pirojektii Itiyoophiyaa arjaa” jedhamu waliin walta’uun akka ta’e beekameera.

Sagantaa kanaan walumaa gala kanneen human hinqabnee fi maanguddoonni kuma tokko ta’an maaddii qooddataniiru.

Komishinariin itti aanaa komishinii qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Natsaannat Daamaa, ayyaana kabajaa lammiilee rakkatan gargaaruu fi maaddii qooddachuun hojii cimee itti fufuff qabu ta’uu ibsaniiru.

Ayyaana qillee sababeeffachuun sagantaan maaddii qooddachuu har’a adeemsifame kanneen human hin qabne kan isaan hin gaafatu osoo hin dhabiin gammachuun akka dabarsan kan isaan dandeessisu akka ta’e ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsi kanneen human hinqabneef taasisu wayitii ayyaanaa qofa osoo hinta’iin rakkoonsaanii xumuraaf akka akka hiikamu gochuuf yaaliisaa cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Magaalaa Finfinneetti pirojektoonni rakkoo jireenyaa jiraattotaa hiikuu danda’an addaddaa hojjetamaa akka jiran eeranii, gargaarsii fi deeggarsi cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.

Ayyaana qillee sababeeffachuun kutaa magaalaa Booleetti lammiilee human hinqabnee fi harka qalleeyyiif sagantaan maaddii qooduu taasifame

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015