Godina Wallaggaa Bahaatti midhaan amma ammaatti faca’e keessaa oomishni kuntaala miiliyoona 6 argame

103

Mudde 27/2015 (TOI) - Godina Wallaggaa Bahaatti midhaan amma ammaatti sfaca’e  keessaa oomishni kuntaala miiliyoona 6 argamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Dursaan garee sanyii fi eegumsaa waajjirichaa obbo Faantaa Assabee TOIf akka himanitti, bara oomishaa 2014/2015 godinichatti lafti heektaara kuma 400 midhaan addaddaan misoomeera.

Midhaan ga’e yeroon sassaabuuf yaalii taasifameen amma ammaatti lafa heektaara 336 irra ture sassaabameera.

Gareen dursaa kun akka jedhanitti, midhaan ga’ee amma ammaatti sassaabamerraa oomishni kuntaala miiliyoona 6 kan argame yoo ta’u, oomisha hafe sassaabuuf qindoominaan hojjetamaa jira.

Bokkaan wayitii hin eegne roobaa waan jiruuf oomisha sassaabbiif ga’erratti miidhaa akka hin geessifne qonnaan bulaan maatii, garee misoomaa fi barattoota hirmaachisuun oomisha ga’e sassaabaa jira jedhaniiru.

Haala Kanaan oomishni lafa heektaara kuma 63 fi 970 irra jiru torbee lamaan dhufan sassaabamee akka xumuramu ibsaniiru.

Godinichatti lafa oomisha gannaan addaddaan misoome irraa oomishni kuntaala miiliyoona 13 akka argamu qorannoo oomishaan duraatiin raagamuu dubbataniiru.

Godinichatti qonnaan bulaa adda duree kan ta’an Asfaawu Lataa garee misoomaan gurmaa’anii akkasumas barattoota hirmaachisuun oomisha sassaabbiif ga’e sassaabuusaanii ibsaniiru.

Isaanis boqqoolloo, Xaafii fi barbaree lafa heektaara 10 irratti misoomsan sassaabanii akka xumuran dubbataniiru.

Qonnaan bulaa Abbittii Darajjee gamasaaniitiin Boqqoolloo fi Xaafii lafa heektaara shan irratti oomishan dabalatee  omishoota biro sassaabuusaanii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015