Taphni Piriimer Liigii Cheelsii fi Maanchastar Siitii yeroo 51f taasisan ni eegama

290

Mudde 27/2015 (TOI)  Sagantaa torbee 19ffaa Piriimer Liigiitiin har’a halkan sa’aatii 5tti Istaadiyeemii Istaamfoord Biriijitti taphni Cheelsiin Maanchar Siitii waliin taasisan ni eegama.

Cheelsiin bara dorgommii kanatti dandeettiisaa agarsiisuu kan hin dandeenye yoo ta’u qabxii 25n sadarkaa 10ffaa irratti argama.

Mo’ataa Piriimer Liigii bar-dheengaddaa Maanchar Siitiin ammoo qabxii 36n sadarkaa lammaffaa irratti argama.

Kilaboonni lamaan A. L.Atti bara 1992 foormaatiin dorgommii Piriimer Liigii Ingilizii erga jalqabee kaasee tapha liigiin kan waliin taphatan kan har’aa dabalatee al 51 dha.

Cheelsiin al 27 mo’achuun olaantummaa kan qabate yoo ta’u, Maanchar Siitiin al 16 mo’ateera, al 8 ammoo walqixa bahaniiru.

Taphoota 50n Cheelsiin goolii 71 akkasumas Maanchar Siitiin goolii 52 akka galchan odeeffannoon BBC nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015